Gamtaan Emereetota Arabaa namoota daddabarsa maallaqaa seeraan alaan shakkite 387 to’atte

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)-Gamtaan Emereetota Arabaa namoota daddabarsa maallaqaa seeraan alaan shakkite 387 to’annoo jala oolchite.

Ministeerri Dhimma Biyya Keessa biyyattii akka beeksisetti, kana dura yakkoota daddabarsa maallaqaa seeraan alaa 521 ifoomseera.

Dhimmichaan walqabatee namoota daddabarsa maallaqaa seeraan alaa irratti hirmaatan 387 dhaabbilee seera kabachiistotaa idil addunyaa waliin ta’uun to’annoo jala oolchuun ibsameera.

Daddabarsitootaan maallaqaa socho’aa ture Dirhaamiin biiliyoonni 4 ol mootummaan dhaalamuu ministeerichi beeksiseera.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii Leetenaal Jeneraal Sheek Saayfi Biin Zaayid Al Nahiyaan, seera maleeyyii to’achuuf tarkaanfii fudhatame dinqisiifataniiru.

Tarkaanfichi, nageenya biyyaalessaa biyyattii kabachiisuu bira darbee daandii guddinaa eegalame itti fufsiisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsuu ‘Gulf Today’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment