Gamtaan dayaaspoora hirmaanna nageenya biyyaa eegsisuuf taasisuu cimsee akka itti fufu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC)  – Gamtaan dayaaspoora hirmaanna nageenya biyyaa eegsisuuf taasisuu cimsee akka itti fufu Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw waamicha dhiyeessaniiru.

Gamtaan dayaaspoora Ityoophiyaa mata duree “dayaaspooraan ijaarsa nagenya biyyaaf” jedhuun lammiilee Ityoophiyaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan waliin Finfinneetti marii gaggeesseera.

Maricharratti kan argaman Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw dayaaspooraan jijjiirama biyyattiin eegalte tumsuuf dandettis beekkumsaas akka qabu kaasaniiru.

Preezdaantiin gamtaa dayaaspoora Ityoophiyaa obbo Abirhaam Siyyum gama isaniin yeroo ammaa kana dayaaspooraan nageenya biyyattirra dhimmi isa yaaddeesu hin jiru jedhaniiru.

Gamtaan dayaaspoora Ityoophiyaa koree waa’ee nageenya hojjetu hundeessuun nageenyaa biyyaa fi ummataaf ni hojjjeta jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment