Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)-Gamtaan Awurooppaa tumsaa ijoo misoomaa fi nageenyaa Itiyoophiyaa ta’uu Ministirri Dhimma Alaa ibse.
Jila Itiyoophiyaa Ministira Ministeerichaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosiin durfamu dabalatee Ambaasaaddaroonni biyyoota Miseensa Gamtaa Awurooppaa kan irratti hirmaachaa jiran waltajjiin Tumsaa Tarsiimawaa Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Geediyoon waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Gamtaan Awurooppaa tumsaa ijoo nageenyaa fi misoomaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsanii, marichi walta’iinsa damee hedduurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan hariiroo damee hedduu gamticha waliin qabdu cimsuu akka barbaadduu fi walta’iinsa ishee cimsuuf tattaaffii hedduu taasisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyan hirmaannaa damee daldalaa fi invastimantii damee dhuunfaa guddisuuf darbees fooyya’iinsa imaammata diinagdee gooroo hojiirra oolchuu ibsuu TOI gabaaseera.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Soofii Fooroom Imasbargar gama isaaniin, Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf gahee olaanaa akka qabdu ibsanii, gamtichi nageenyii fi tasgabbiin naannawichatti akka mirkanaa’uuf gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Aalaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoos, Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa walta’iinsa qaban cimsuuf bara Faranjootaa 2016 walta’iinsa tumsa tarsiimawaa mallatteessuu yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia