Gamtaan Awurooppaa tumsa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf ni hojjeta- Ambaasaaddar Roolaand Koobiyaa

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015(FBC)- Gamtaan Awurooppaa tumsa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf kan hojjetu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Roolaand Koobiyaan ibsan.

Gamtichi tumsa dameewwan misoomaa, daldalaa, invastimantiifi kanneen biroorratti Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddarichi turtii TOI waliin taasisaniin, Gamtaan Awurooppaa dameewwan hedduurratti Ityoophiyaa waliin tumsa cimaa qabaachuu kaasaniiru.

Kana malees biyyoonni miseensa gamtichaa Ityoophiyaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu eeruun, hariiroon kunis cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hariiroon jiru damee tokko qofaarratti kan hundaa’e akka hin taane ibsuun, dameewwan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaan guddachaa dhufuu eeraniiru.

Keessummaa dameewwan hawaasummaa namarratti xiyyeeffatan irratti Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni miseensa gamtichaa xiyyeeffannoo kennuun tumsa jiru cimsuuf hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Kana hordofees yeroo dhiyootti waliigaltee deeggarsa hawaasummaaf oolu Birrii Biiliyoona 9.5 mallatteessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiilee Ityoophiyaan qonna ammayyeesuufi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf taasistuuf deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment