Gamtaan Awurooppaa tumsa damee Siyaasaa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaa waliin tumsa damee siyaasaa cimsee kan  itti fufuu  ta’uu Ityoophiyaatti bakka bu’aan gamtichaa Ambaasaaddar Roolaand Koobiyaan ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu ambaasaaddarichi eeraniiru.

Keessumaa Baha Afrikaatti nageenya mirkaneessuuf ga’ee Ityoophiyaan ba’achaa jirtu hordofee gamtichi tumsicha daran cimsuuf hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee tumsa tarsiimawaa hundeessuu isaan dandeessisu  bara faranjootaa 2016 mallatteessuu yaadachiisaniiru.

Waliigaltichi rakkoolee waloo naannawaa fi idil addunyaarratti furmaata laachuu fi tumsa tarsiimawaa gam-lamee cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eeruun, gamtichi waliigaltee tarsiimawaa biyyoota addunyaa muraasa waliin kan qabuu fi Ityoophiyaan tokko ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti waggoottan hedduuf ergama nagaa kabachiisuun ga’ee olaanaa ba’achaa turuu yaadachiisuun, Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaa waliin damee siyaasaan tumsa tarsiimawaa jiru cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment