Gamtaan Awurooppaa mootummaan Ityoophiyaa rakkooleef furmaata laachuuf daandiin irra imalaa jiru jajjabeessaa ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin Gamtaa Awurooppaatti Ergamtuu addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebaariin waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi lammiilee sababa waraanaa fi hongeetiin miidhaan irraa gahee dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi dhimmoota waqtaawaarraatti Dooktar Aneet Weebaariif ibsa taasisaniiru.

Mootummaan deeggarsi namoomaa akka ariifatuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuun deeggarsi akka qaqqabuu taasisaa jira jedhaniiru.

Awurooppaatti Ergamtuu addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebaariin gama isaaniin, gamtaan Awurooppaa mootummaan Ityoophiyaa taattaffii taasisaa jiruun bu’aa gaarii akka galmeessuuf deeggarsa ni taasisa jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan Dooktar Aneet Weebaariin waliin dhimmoota waqtaawaa siyaasa Gaanfa Afrikaa fi hidhaa haaromsaarrattis mari’ataniiru.

Gamtaa Awurooppaa fi Hawaasni idil addunyaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisaan cimsanii akka itti fufaan gaafachuu ragaan waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimmaa Alaarraa aragme ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment