Gamtaan Awurooppaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf deeggarsa Konkolaata taasise

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf deeggarsa konkolaattota sagalii taasiseera.

Gamtichi bulchiinsaa haqa Itiyoophiyaa deeggaruuf sochii taasifamuu keessatti pirojektii hammattoowwan deeggarsa bochuun hojiirra oolchaa jiraachuun eerameera.

Itiyoophiyaatti Ambaasaddattii Gamtaa Awurooppaa Roonaldi Koobiyaa konkolaattota hojii dirreef oolaan deeggarsa taasisuun Pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Federaalaaf Tewoodiroos Mihirat waliin walharkaa fuudhiinsa taasisaniiru.

Obbo Tewoodiroos wayita walharkaa fuudhiinsichaatti, Gamtaan Awurooppaa riifoormii bulchiinsaa haqaa mana murtichaaf deeggarsa taasisuun sirna abbaa murtee keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsuun deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Ambaasaddar Roonaald gama isaaniin akkaataa karoorfameen deeggarsi konkolaataa taasifame gadaanaa ta’uu kaasuun, damee haqaa cimsuu fi deeggarsa taasisuuf xiyyeeffanaan kan hojjetamu ta’uu dubbachuu ragaan man murtichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment