Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti maree biyyaalessaa gaggeessuun nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaru ta’uu beeksiise

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti maree biyyaalessaa gaggeessuun nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaru ta’uu beeksiseera.

Ityoophiyaatti Biiroon Gamtaa Awurooppaa guyyaa Awurooppaa akka lakkoofsa bara Faranjootaatti waggaa waggaan Caamsaa 9 kabajamu ilaalchisee ibsa laateera.

Kabajni guyyaa kanaa hundeeffama Gamtaa Awurooppaa waggoottan 72 lakkoofsiise yaada keessa galchuun kabajama jedhame.

Sagantichi yaadoota hariiroo gamtichi Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa waliin qaban ibsaniin kabajama jedhameera.

Gamtichi Ityoophiyaa waliin hariiroo tarsiimowaa cimaa qabaachuu Ityoophiyaatti bakka ba’uun Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Roolaand Koobiiyyaa ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Gamtichi tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasiifamu kan deeggaru ta’uu himaniiru.

Milkaa’ina maree biyyaalessaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.

Gamtaa Afrikaatti dhimma raawwachiisaan Gamtaa Awurooppaa Paatiriik Duuppaant gama isaaniin,Gamtaan Awurooppaa Afrikaatti nageenyi waaraan akka bu’u tumsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment