Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti iddoolee miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 31.5 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaatti tajaajiloota Fayyaa sababa waraanaan adda citan deebisanii hojii eegalchiisuuf kan oolu Yuuroo miiliyoona 31.5 deeggarsa taasiiseera.

Gamtichi tajaajiloota kanneen eegalchiisuu fi ijaarsa dandeettiif akka oolu gama Yuuniiseefiin deeggarsa kana taasiisuu ibsameera.

Deeggarsichi Jireenya daa’immanii fi haadholii fooyyessuu fi miidhaa sababa waraanaan qaqqaberraa dandamachiisuuf, akkasumas tajaajila yaala fayyaa eegalchiisuuf oola jedhameera.

Kaaba Ityoophiyaatti sababa waraanaan dhaabbileen waraanaa kumni 3 ol tajaajilaa ala ta’uu isaaniin daa’immaan kumni dhibbi 7 ol tajaajila talaallii idilee osoo hin argatin turuu ibsameera.

Deeggarsichi waliigala haadholii fi daa’immaan naannoo Amaaraa, Oromiyaa, Afaar, Tigraayii fi naannoo Kibbaa keessatti argaman miiliyoona 2tti hiiqan fayyadamoo taasisa jedhame.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roonaald Koobiiyyaan wayita imalli nageenyaa eegalame kanatti deeggarsi kun taasiifamuun iddoolee miidhamaniif hiikoo addaa qabaachuu dubbataniiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment