Gamtaan Awurooppaa hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf murannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf murannoo qabaachuu Komishinarri Tumsa Idil-addunyaa Gamtaa Awurooppaa Juuttaa Urpiilaayinan ibsan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa cinaatti Juuttaa Urpiilaayinan waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Makonniin Itiyoophiyaan nageenya mirkanneessurratti ejjennoo qabaachuu qabdu ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa tumsa Itiyoophiyaaf taasiisu akka cimsu gaafataniiru.

Itiyoophiyaan waliigaltee Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf murannoo agarsiifte Juuttaa Urpiilaayinan dinqisiifataniiru.

Akka michuu tarsimawaatti Gamtaan Awurooppaa tumsa Itiyoophiyaa waliin qabuuf iddoo addaa kan kennu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment