Gamtaan Awurooppaa hariiroo Afrikaa waliin qabu fooyyeessuu qaba – MM Rippaablika Cheek

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa hariiroo Afrikaa waliin qabu fooyyeessuu akka qabu Ministirri Muummee Rippaablika Cheek Peetir Fiyaalaan hubachiisan.

Gamtichi hariiroo Afrikaa waliin qabuuf xiyyeeffannoon kenne xiqqaa ta’uu dubbataniiru.

Peetir Fiyaalaan Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa fi Ayivoorikoostiitti daawwannaa taasiisuun hariiroo biyyi isaanii biyyoota Afrikaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf yaalaa jiraachuu ibsameera.

Raashiyaa fi Chaayinaan Afrikaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu eeruun, Gamtaan Awurooppaas hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabu cimsuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Rippaabliikaa Cheek ta’ee Gamtaan Awurooppaa hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qaban laaffisuu akka hin qabnes dhaamaniiru.

Wayita ammaa Gamtaan Awurooppaa hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabu ilaalaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment