Gamtaan Awurooppaa halleellaan Boombii Gaazaatti taasifamu akka dhaabbatu gaafate

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2016 (FBC)- Gaazatti Deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf, halleellaan Boombii taasifamu akka dhaabbatu gamtaan Awurooppaa gaafateera.

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Awurooppaa guyyoota lamaaf Biraasalsitti gaggeeffamaa tureen, dhimma walitti bu’iinsa Israa’elii fi Hamaas akkasumas yuukireenii fi Raashiyaarratti mari’atameera.

Pireezidaantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarlees Miisheel walitti bu’iinsi Gaazaa keessaa babal’achuun naannawichaafis ta’e addunyaaf, balaa hammaataa qabaachuu ibsaniiru.

Kana dhabamsiisuufis Gamtaan Awurooppaa hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Manni Maree Gamtaa Awurooppaas seerota namoomaa idil addunyaan walsimsiisuun eegumsa lammiileef taasifamu mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Gamtaan Awurooppaa dhiyeenyattii yaa’iin nageenyaa akka gaggeeffamu deeggarsa akka taasisus dureewwan gamtichaa dubbataniiru.

Waraanichi erga eegalee torbanoota lama booda konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an gara Gaazaa seenanillee, dhiyeessiin jiru gahaa akka hintaane aanga’oonni Dhaabbata Nyaata Addunyaa dubbataniiru.

Walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yuukireen ilaalchisuunis dureewwan biyyoota Gamtaa Awurooppaa deeggarsi loltummaa Yuukireenif taasisan, dhaabbata nageeyaa Awurooppaa fi ergama deeggarsa loltummaa Gamtaa Awurooppaan akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Ta’us, Hanagaarii fi Isloovaakiyaan deeggarsa maallaqaa haaraa Yuukireeniif taasisuu kan hammate wixinee baajataa 2024 gamtichaa raggaasisuuf fedhii kan hinqabne ta’uu Shiinwaan gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment