Gamtaan Awurooppaa Doolaara biiliyoona 18 Yuukreenif liqaan kennuufi

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa Doolaara biiliyoona 18 Yuukreeniif liqaa yeroo dheeraan kennuuf karoorfachuu beeksiise.

Liqaan laatamuuf karoorfame kun waggoota 35 keessatti kan deebi’u ta’uu Itti aanaan Pireezidanatii Gamtaa Awurooppaa Vaaldiis Doomibirooviskiin ibsaniiru.

Dhalli liqichaa gamtichaan kan uwwifamu ta’uu eeraniiru.

Miidhaa waraanaa Yuukreen – Raashiyaan qaqqabeen walqabatee Kiiyeev deeggarsa ariifachiisaa kan barbaachisu ta’uu eeruun, miseensonni gamtichaa liqaa kana xumura waggaa kanaatti akka raggaasisan gaafataniiru.

Liqicha hojiirra oolchuuf deeggarsi biyyoota miseensa gamtichaa hundaa kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Yuukreeniif laachuuf waadaa gale Doolaara biiliyoona 9 keessaa biiliyoona 4.2 kennuu isaa RT gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment