Gamtaan Awurooppaa deeggarsa waraanaa Yuuroo Biiliyoona 5.4 Yuukireeniif taasisuuf waadaa gale

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa deeggarsa waraanaa Yuuroo Biliyoona 5.4 Yuukireeniif taasisuuf waadaa galuun ibsame.

Gamtaan biyyootaa 27 Raashiyaa injifachuuf kutannoo qabaachuu Bakka Bu’aa Olaanaa Dhimmaa Ala Gamtaa Awurooppaa Jooseep Booreel dubbachuu The Independent gabaaseera.

Gamtichi dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu fi walga’ii idileen alaa gaggeesseen Manni Maree Ameerikaa deeggarsaa waraanaa Yuukireeniif raggaasisuuf ture callisuurraa kan ka’e ta’uun eerameera.

Jooseep Booreel gamtichi Kiyeevitti walga’iin tasaa Wiixata gaggeesse seena qabeessa jedhan.

Ta’us haalli naannwichaatti mul’atu biyyoonni miseensotaa Yuukireeniin deeggaruuf rakkoo uumuu himan.

Fuuldurattis waqtiin Gannaa dhufaa jiraachuurraan Yuukireen taankiiwwan deeggarsaan argatte fayyadamuuf akka rakkisuu fi injifachuun ishee kan dheerachuu malu ta’uu biyyoonni ni yaadda’u jedhan.

Gama biraatiin Pireezidaantiin Yuukireen Viloodmiir Zeleniskiin “ Isin nu cinaa dhaabbadhaa malee Waraana kana ni injifanna” jedhaniiru.

Gamtaan Awurooppaa ammallee Yukireeniin cinaa akka ta’ee fi bara Faranjootaa 2024’tti kan gadi lakkifamu deeggarsa loltummaa Yuuroo Biiliyoona 5.4 taasisuuf waadaa galeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment