Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Gamtaan Afrikaa walta’iinsa damee hedduu diinagdee, Siyaasaa fi Namoomaa gama cimsuutiin gahee Idil Addunyaa olaanaa bahachaa jira jechuun Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.
Pireezidaanti Vilaadmiir Putiin Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa ilaalchisuun hirmaattotaaf ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.
Biyyoonni Afrikaas-Raashiyaaf tumsitoota yeroo maraa ta’uu kaasanii, bara Faranjootaa 2019’tti yaa’iin Afrikaa-Raashiyaa gaggeeffamee ture, hariiroo idil addunyaa fi gam lameenii biyyaa isaanii fi Afrikaa cimsuu kan danda’ee bu’uura cimaa kaa’uu ibsaniiru.
Baatii Adoolessaa dhufu Yaa’ii Afrikaa Rashiyaa 2ffaa Raashiyaa Magaalaa Peetisbargitti gaggeeffamuuf jiru, waltajjii fuulduratti walta’iinsa bu’aa qabeessaa fayyadamummaa waloo cimsu akka ta’u amantaa qaban ibsuu gama Embaasii isaaniin ibsaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.