Gamtaan Afrikaa tattaaffii Somaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamu akka deeggaru ibse

Gamtaan Afrikaa tattaaffii Somaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamu akka deeggaru ibse

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)- Gamtaan Afrikaa tattaaffii Somaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamu  deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneesse.

Somaaliyaa daawwachaa kan jiran Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mohaammad Alii Yusuuf pireezidaantii biyyattii Hasan Sheek Muhaammad waliin mari’ataniiru.

Mohaammad Alii Yusuuf ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Somaaliyaatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf akkasumas tattaaffiiwwan walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf taasifaman dinqisiifataniiru.

Hasan Sheek Muhaammad gamasaaniin, Mohaammad Alii Yusuuf Somaaliyaa daawwachuu isaaniifi tumsa Somaaliyaafi Gamtichaa cimsuuf kaka’umsa mul’isaniif galateeffachuu KBC News gabaaseera.

Dabalataanis Mohaammad Alii Yusuuf Humna Kabachiisa Nageenyaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e kan daawwatan yoo ta’u, humni kun nageenya Somaaliyaa deebisuuf wareegama guddaa kaffaluu kaasan.

Gamtichi humni kabachiisa nageenyaa wayita ergama isaa bahachuuf  socho’utti rakkoo isa mudatu furuufi dandeettii isaa guddisuuf deeggarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu qindeesse.

Comments (0)
Add Comment