Gamtaan Afrikaa Giinii Miseensummaarraa dhorke

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Gamtaa Afrikaatti Qaljeelchi Dhimmoota Siyaasaa, nageenyaa fi Tasgabbii fonqolcha mootummaa biyyattiitti gaggeeffame hordofee Giinii Miseensummaarraa dhorkuu beeksiiseera.
Fonqolcha torbee darbe Preezdaantii Giinii Alfaa Koondeerratti gareen waraanaa Kolooneel Maammaaddii Dumbuyaan durfamu raawwate hordofee gamtichi Giinii Miseensummaarraa dhorkeera.
Fonqolacha raawwatame bulchiinsoonni Giinii garaagaraa, Gamtaan Afrikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Ameerikaan hadheeffatanii balaaleffataniiru.
Sababa kanaan Gamtaan Afrikaa Giinii miseensummaarraa kan dhorke yoo ta’u, Bulchiinsoonni naannolee gara sirna mootummaatti deebi’uuf mari’achuu akka qaban hubachiiseera.
Maddi: -BBC
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment