Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Gamtaan Afrikaa fi miseensonni Mana Maree Awurooppaa dhimma Yuukreen irratti gama viidiyoo koonfiransiin mari’achuu gabaafame.
Walga’ichaan rakkoo dhiyeessii midhaan nyaataa sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukreeniin mudate irratti mari’achuu Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Maakii Saal ibsaniiru.
Maakii Saal walga’icha kan gaggeessaan Raashiyaa fi Yuukreen turban muraasa keessatti daawwachuuf fedhii qabaachuu biyyoota lameeniif erga ibsaniin booda ta’uu eerameera.
Daawwannaan isaaniis biyyoonni lameen oomishaalee midhaanii gara Afrikaatti ergaa turan akka itti fufan waliigalteerra ga’uuf kaayyeffachuu CGTN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.