Gamtaan Afrikaa biyyoota miseensota gamtichaaf meeshaalee qorannoo vaayrasii koroonaa miiliyoona1 deeggaruufi

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Gamtaa Afrikaatti Giddugalli ittisaa fi to’annoo dhibee meeshaalee qorannoo vaayrsaii koroonaaf oolan miiliyoona 1 biyyoota minseensota gamtichaaf kan rabsu ta’uu beeksiseera.

Deeggarsi kun hanqina meeshaalee qorannoo vaayrasichaa biyyoota Afrikaa mudate kan furu ta’uu himameera.

Meeshaaleen kunneen torbee dhufuu eegalee biyyoota kanneeniif rabsamuu ni eegalu jedhamera.

Biyyoonni Afrikaa meeshaalee qorannoo baayy’ina ummata isaaniin walgitu kan hin qabne ta’uu giddugalichi ibseera.

Hanga guyyaa kanaatti biyyoota Afrikaa 52 keessatti namoonni kumni 18 fi 441 vaayrasii koroonaa kan qabaman yoo ta’u, namoonni 966 ammoo du’aniiru.

Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Comments (0)
Add Comment