Gamoowwan balaawwan uumamaa haala dandamachuu danda’aniin akka ijaaraman xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Gamoowwan balaawwan uumamaa haala dandamachuu danda’anitti akka ijaaramaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaa Taayitichaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan To’annoo fi Hordoffii Pirojektootaa Barakat Tazarraan, gamoowwan wayita ijaaraman kirkira lafaa fi balaawwan uumamaaf salphaatti akka hinsaaxilamnee fi ka’umsa akka hintaaneef hojiin to’annoo fi hordoffii gaggeeffamaa turuu Faanaa Dijitaaliif himaniiru.

Yeroo ammaa Naannawaa Awaash Fantaalleetti kirkira lafaa irra deddeebiin mudachaa jirurraa ka’uun daran xiyyeeffannaan kennamuun hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Abbaan taayitichaas balicha ittisuu fi hir’isuuf qorannoo gaggeessa jira jedhan.

Hoji Raawwachiisa Olaanaa To’annoo Dizaayinii Pirojektoota Ijaarsaa Abbaa Taayitichaa Giruum Fayyisaa gama isaaniin, ijaarsawan gamoo wayita gaggeeffaman haala qabatamaa yoo tilmaamaa keessa hingalchine salphaatti balaawwan uumamaaf saaxilamuu fi ka’umsa ta’uu akka danda’an akeekaniiru.

Kanaan walqabatee abbaan taayitichaa gamoowwan wayita ijaaraman ulaagaalee guutuu qaban adda baasuun eeyyamni akka kennamuuf kaasaniiru.

Amalawarqi Damissawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment