Gamoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa eebbifame

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Birrii miiliyoona 151 oliin kan ijaarame Gamoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa eebbifameera.

Gamoon eebbifame keniinsa tajaajila si’eessuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf gahee olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee oromiyaa Komishinera Jeneraal Kaffaaloo Tafarraan himaniiru.

Hojiin kun qormaatilee hunda Keessa dhaabbachuun hojjetamee xumuramuun hawaasni Godinichaa harka tokkoon Misoomaa Harka tokkoon immoo nageenya isaa eeggachaa hojjechuun Injifannoon guddaa ta’uu ibsaniiru.

Gamoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa eebifame kun gamoo abbaa darbii afurii kan kutaalee adda addaa 50 of keessaa qabu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment