Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaa handhuura Finfinneetti ijaarame, sirna addaan eebbifamuu ibsameera.
Gamoon kun“boca Daayimandii Afrikaa” fakkaatu qabaachuunsaa hawwatummaasaa daraan dabaleera jedhame.
Gamoon abbaa darbii G+48 kun dheerina meetira 209.15 qabaachuun Afrikaa Bahaatti 1ffaadha jedhame.
Gamoon kun tajaajilawwan adda addaa kan kennu yoo ta’u, al-tokkootti konkolaattota 1,500 dhaabsisuu danda’as jedhameera.
Ijaarsa gamoo kanaaf dhaabbileen addunyaa beekkamtii guddaa qaban 29 ta’an, galteewwan ijaarsaa barbaachisu gumaachaniiru.
Gamoon kun liiftii 24, iskaleetars 5 fi sadarkaa (karaa olbahiinsaa) 15 kan qabu yoo ta’u, laayitiing siisteeminii fi teeknoolojiiwwan ittiin ijaarame gamoolee biyyattii keessatti argaman irraa daran adda ta’uu ragaan Baankicharra argame ni muldhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.