Gameessi tapha Buunyaa Baqqalaa Alamuun (Gaanchi) boqote

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan Olompikii tapha Buunyaarratti addaa duree kan ta’an keessaa Gameessi taphichaa Baqqalaa Alamuun (Gaanchi) addunyaa kanarraa du’aan boqote.

Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan olompikii Room, Tookiyoo fi Meeksikoorratti kan hirmate Baqqalaa Alamuun umrii waggaa 82’ffatti du’aan boqoteera.

Dorgommii Olompikii Meeksiikoorratti meedaaliya kan argate yoo ta’u, Leegoosittis Shaampiyoonaa Afrikaa ta’uu seenaan jireenyaa isaa ni argisiisa.

Bara 1933 kan dhalate Baqqalaa Alamuun abbaa ijoolee 11’ti.

sirni awwaalchaa Baqaalaa Alamuus guyyaa har’aa sa’aatii 6:00 irratti Mana Amantaa Kidaanamiretii Shagooleetti ni raawwata jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment