Gambeellaatti eeyyamni invastimantii 54 haqame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti eeyyamni invastimantii abbootii qabeenyaa lafa fudhatanii hinmisoomsine 54 haqamuu Boordiin Invastimantii Naannichaa beeksise.

Walitti Qabaan Boordii Invastimantii fi Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Umod Ujuluun akka ibsanitti, naannichatti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa 700 ol eeyyama invastimantii qonnaa fudhataniiru.

Boordichi murtoo dabarseen bara 2013 eegalee eeyyama invastimantiin lafa qonnaa fudhatanii kanneen hinmisoomsinee 54 guutummaatti haquun, lafti hektaara kuma 28 fi 630 gara baankii lafaatti akka deebi’u tasifamuu beeksiseera.

Abbootii qabeenyaa eeyyamni isaanii haqame kunneenis lafa fudhatanii hojiitti kan hinseenne, hojii eegalanii kan dhaabanii fi gibira itti fayyadama lafaa kan hinkaffalle ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment