Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti adeemsi sagalee kennuu Filannoo xummuramee bu’aan filannichaa kan yeroos ummataaf ifa taasifamuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti dameen Gambeellaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan damee Bordii Filannoo naannichaa obbo Taataq Tafarraa akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti bu’aan filannoo yeroo kun buufatalee filannoo naannawwaa Filannoo Torba jala jiranittidha.
Rakkoo hanqina waraqaa filannoo mudatee tureen filannoon gaafa guyyaa 14/2013 bakka tokko tokkootti osoo hin geggeeffamiin hafee kaleessa rakkichii waan furameef Filannoon geggeeffamee kaleessuma xummurameera jedhaniiru.
Filannichi akkuma xummurameen sagaleen lakkaa’amee bu’aan filannichaa kan yeroos har’a ganama irraa jalqabee uummataaf ifa ta’aa jiraachuu himaniiru.
Saanduuqa filannoos yeroo ammaa bufatalee filannoo irraa gara naannawwaa Filannootti imaalchifama akka jiran Obbo Taataq himaniiru.
Maddi :-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna