Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Qophii Sagantaa Asharaa magariisaa bara 2015 irratti gamaaggamni gaggeeffamuu Ministeerri Qonnaa ibse.
Gamaaggamicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen koree olaanaa Ashaaraa magarisaa waliin haala qophii biqiltuu, hojiirraa oolmaa karoora biqiltuu , qophii bakka dhabbii biqiltuu fi kanneen biroo gamaaggamaniiru.
Hojiilee naannoolee fi dhaabbilee fedeeraalaa waliin hojjetaman irratti kallattii ka’uun gamaaggamichi xumuramuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.