Gamaaggamni raawwii Paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Gamaaggamni raawwii paartii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaaggamicharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan,Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa biroon argamaniiru.

Gamaaggamichaan raawwiin hojii mootummaa fi paartii kan kurmaana 1ffaa dhiyaachuun hanqinaalee fi ciminoota adda baasuun kallattiin hojii fuulduraa ni kennama jedhamee eegama.

Pireezidaanti Shimallis waltajjicharratti haasawaa taasiisaniin, Karoora mootummaan hiyyummaa sadarkaa maatiitti jiru hundeedhaan buqqisuuf qabu keessatti hojiin hoggansa eeggatu olaanaa ta’u dubbataniiru.

Godinaaleen sadarkaan jiran ariitiin hojii itti hojjetaa jiran akka naannoo Oromiyaatti godinaalee gidduutti garaagarummaan akka irra hin jiraannes ibsuun, hundi bakka jirutti ciminaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Kallattii fi inisheetivoota akka naannoo Oromiyaatti gadi bu’an bakka hundatti wal qixa deemuu dhabuun karoora akka naannootti qabametti gufuu ta’uu kaasaniiru.

Hoggansi cichoominaan hojjechuu akka qabus eeranii jiru.

Gamaaggamni raawwii kun guyyota sadiif kan gaggeeffamuu ta’uun ibsameera.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment