Gamaaggamni raawwii paartii fi mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)-Gamaaggamni raawwii Karoora bara baajataa 2016 fi karoora bara baajataa 2017 paartii fi mootummaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaaggamicharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa biroon argamaniiru.

Mara’ool Kadirtu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment