Gamaaggamni raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa fi mootummaa gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa guyyoota sadan darbaniif Adaamaatti geggeeffamaa ture xumurameera.

Raawwiin hojii Siyaasaa fi ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa xiinxalamee, ciminoonnii fi hanqinoonni jiran adda bahaniiru.

Haaluma kanaan hojii sosochii Ummataa ji’oottan sadan darbe gaggeeffameen milkaa’inoonni hedduun galmaa’uun ibsameera.

Gama hojii ijaarsaatiinis, waltajjii sosochii ummataa uumame ijaarsaan xumuruudhaan ummanni aggaammii birmadummaa biyyaarratti dhufe dandamachuu danda’uunsaa mirkanaa’eera.

Ta’us hojimaatatti karaa guutuu ta’e maayii ba’uudhaan hojii Siyaasaafi misoomaa karaa guutuu ta’e milkeessuufi hoggansa hundagaleessa kennuurratti kan hafu ta’uun ilaalamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment