Galteewwan wal’aansa fayyaa meetirik toonii 4.8’tti tilmaamaman Maqalee ga’an

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Galteewwan wal’aansa fayyaa meetirik toonii 4.8’tti tilmaamaman Maqalee ga’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Galteewwan Maqalee ga’an keessaa meetirik tooniin 3.8 kiittiiwwan wayita balaa tasaa wal’aansa baqaqsanii yaaluuf oolanii fi meetirik tooniin 1 ammoo qorichoota dhibee Tiibii akka ta’an ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Qorichoonni dhibee Tiibii, Ministeeraa Fayyaarraa kan ergaman yoo ta’u, kiittiwwan yeroo balaa tasaa gargaaraman ammoo Dhabbata Fayyaa Addunyaarraa ta’uun ibsameera.

Galteewwan wal’aansaa kunneen Hospitaala Rifeeraalaa Ayidaritti tajaajila wal’aansa baqaqsanii yaaluuf kan ooluu fi dhibamtoota dhibee Tiibii wal’aanuuf tattaaffii taasifamu kan tumsu akka ta’e eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment