Galteewwan Bishaanii fi Inarjii qonna ammayyeessuuf murteessadha – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu agarsiisa Bishaanii fi Inarjii daawwateera.

Galteewwan Bishaanii fi Inarjii qonna ammayyeessuuf murteessaa ta’uu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan agarsiisa kanarratti mul’atan qonna ammayyeessuuf galtee olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Tattaaffii Qonnaa ammayyeessuu fi ceesisuuf taasiifamu keessatti galteewwan Bishaanii fi Inarjii murteessaa ta’uurra darbee badhaadhina biyyaa mirkeessuuf humna guddaa ta’uu dubbataniiru.

Yeroo itti aanu Teeknooloojjiiwwna kanneen qonnaan bulaaf qaqqabsiisuuf Ministeera Bishaanii fi Inarjii waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment