Galtee oomishaa gabaarraa argachuun nutti ulfaateera-WIGI

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Galteewwan oomishaaf barbaachisan gabaarraa argachuun gufuu ta’uu Waldaan Indaastiriiwwan Gogaa Ityoophiyaa beeksise.

hoggantooni hojii damechaa FBC’f yaada kennan akka jedhanitti, sababa weerara vaayirasii koroonaatin gabaan gogaa kufee turuu himanii, gama biraatiin wayita gabaan isaa ka’utti ammo hanqinni gogaa mudachuu himaniiru.

Dura Taa’aan Boordii Waldaa Indaastiriiwwan Gogaa Ityoophiyaa Obbo Taaxaq Yirgaa akka jedhanitti, damechi daldala kontiroobaandii fi hanqina galteetiin keessumaa sharafa alaa yeroon argachuu dhaabuun rakkoo ulfaataa ta’uu dubbataniiru.

Ministeera Indaastiriitti Bakka Bu’aan Hoji Gaggeessaa Giddugala Misoomaa fi Qo’annoo Oomisha Bu’aalee Gogaa fi Kal’ee Obbo Mahaammad Huseen gama isaaniin, oomishi gogaa yeroo ammaa fooyya’aa ta’uu fi gabaan sababa vaayirasii koroonaatiin qabbanaa’es haala gaariirra jiraachuu eeraniiru.

Fuulduratti, warshaalee gogaa oomishicha gabaa alaatti ergan sharafa alaa dursa akka argatan Baankii Biyyaalessaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Siisaay Geetinnatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment