Galoo Galaanaa Keeppi Verdeetti bidiruun garagaluun lubbuun godaantota 60 darbuun gabaafame

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)-Bidiruun godaantota feetee imalaa turtee Galaana Atilaantik naannawaa Galoo Galaanaa Keeppi Verdeetti garagaluun godaantonni 60 ta’an lubbuun darbuu akka hinoollee gabaafame.

Godaantotaa bidiruttiin imalaa turan 38 daa’immaan dabalatee baraaramuun ibsameera.

Godaantonni kunneen baatii tokko caalaaf galaanarraa turuu fi Seneegal irraa kan kaate ta’uu BBC’n gabaaseera.

Aaanga’oonni Keeppi Verdee dabalataan lubbuun godaantotaa akka hindabarreef deeggarsa idil addunyaa akka barbaachisu gaafataniiru.

Bidiruttiin naannawaa Keeppi Verdeerraa Kiiloo meetiraa 320rratti argamtu Saal jedhamutti kiyyeesitoota qurxummiin kan argamte ta’uu ibsameera.

Bidiruun kun namoota 101 qabachuun Seeneegaal irraa Adoolessa 10, 2023 akka kaatee Ministeerrii Dhimma alaa Seeneegaal ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment