Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Fooramiin abbootii qabeenyaa invastimantii qonnaarratti bobba’anii jiranii magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Kaayyoon fooramii kanaa galmoota gurguddoo qonnaa arfan wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee al-ergee baayyinaa fi qulqullinaan oomishuu, oomishaalee qonnaa alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu fi carraa hojii uumuuf qabaman galmaan ga’uuf hojjetamaa jiru milkeessuuf akka ta’e ibsameera.
Gaheen abbootii qabeenyaa invastimantii qonnaa irratti hirmaatanii galmoota kanneen milkeessuuf olaanaa ta’uu fi haala hojii kana caalmaatti cimsuun danda’amurratti mariin qooda fudhattoota waliin gaggeessuun barbaachisaa ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu haasaa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru.
Fooramicha irratti hoggantoonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Komiishinii Invastimantii Oromiyaa, Hoggantoonni Waajjira Qonnaa godinaalee, ogeessonni fi abbootiin qabeenyaa Invastimantii qonnaarratti bobbaa’an argamuu ragaan BDhKMNOrraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.