Galmoota gurguddoo gama hawaas-dinagdeetiin qabaman milkeessuu keessatti qoodni sektara turiziimii olaanaadha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Galmoota gurguddoo gama hawaas-dinagdeetiin qabaman milkeessuu keessatti qoodni sektara turiziimii olaanaa ta’uu Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Galmoota gurguddoo gama hawaas-dinagdeetiin qabaman milkeessuu keessatti qoodni sektara turiziimii olaanaadha. Dilbiin kun yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo gahaa osoo hin argatin ture jedhan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Mootummaa Jijjiiramaa keenya dilbii kana duursee hubachuu qofa osoo hin taane, xiyyeeffannoon irratti hojjechuuf olee hin bulle. Akka naannootti, dilbii qabeenya umamaafi nam-tolchee hawwata turistii ta’an hedduutu ture. Haata’uutii, hubannoo dabaa ture jijjiiruu, akkasumas misoomsuufi beeksisuu dhabuurraa kan ka’e, faayidaan argamuu qabu hedduu qisaaseera.

Raawwii waggootta afran darbaniitiin bu’uura turuzimii naannnoo keenyaa kaa’uu irratti, bu’aa jajjabeessaan argameera. Xiyyeeffannoofi qindoomina hojii keenyaa daran cimsinaan, fayyadamummaan sektaricha irraa argamuu qabu yeroo gababaa keessatti kan mirkanaa’u ta’a. Hojiilee gurguddoo sektara turizimii toora xiyyeeffannoo jaha (6) jalatti gurmeessine. Kanneen keessaa har’aaf isa duraa – “hubannoo jijjiiruu/uumuu” ittaansinee ilaalla.

Waggoota muraasa dura, yaa’iinsi turistii biyya keessaa kallatti tokkoon qofa ture. Kanaaf seenessiifi ilaalchi turizimii irratti ture gahee olaanaa bahaniiru. Seenessi biyya keenya ture, abbummaa seenaa ummata gartokkee kaaba biyyattii qofaf kan kennu ture. Hawwanni turistii ammoo hedduminaan Hambaa Nafoo Nam-tolchee (tangible historical heritages) akka – masaraa mootummaa, siidaa, manneen amantaa, sanadoota gosa adda addaafi kkf qofa akka ta’eetti beeksifame. Kanarra yootare, calaqqee amantaafi aadaa ummata ‘abbaa seenaa’ jedhame muraasa irra kan darbu hin turre.

Kanaafuu, fayyadamummaa sektaricha irraa argamu dhugoomsuun dura, seenessaafi hubannoo hawwata turizimii irratti ture jijiiruun dirqama ture. Hooggansa dabalatee, qoroon (elites) naanniichaa, dilbii turizimii jiru kan hin ilaalle qofa osoo hin taane, misoomsuun faayidaa guddaa irraa argachuu irratti hubannoon inni qabu hedduu laafaa ture.

Naannoofi ummata keenya kaartaa turizimii (tourism map) biyyattii irra osoo hin korsiifne, wa’ee fayyadamummaa sektaricha irraa argamuu qabu haasaa’uun waan yaadamu hin turre. Hojii raawwatameen akkuma Hambaa Nafoo Nam-tolchee mara, Hambaa Aadaa Kiliyaa (intangible cultural heritage) akkasumas Hambaan Qabeenya Umamaa qabeenya qaalii turizimiif oolan ta’uu irratti hubannoon umameera. Hedduun isaanii adda bahuun beeksifamaa jiru.

Bu’uuruma kanaan, gama Hambaa Nafoo Nam-tolcheetiin kan akka ulfaa Gadaa shanan: Kallacha, Bokkuu, Caaccuu, Callee, Siinqee, Alangaa; masaraa moototaa, galmoota amantaa, uffata aadaa, nyaata aadaafi kkf; gama Hambaa Qabeenya Umamaatiin kan akka Malkaa, tulluuwwaniifi iddoowwan wayyuu ulfoo, holqaawwan, paarkiiwwan, Iddoowwan Ikoo-turizimii kkf; akkasumas gama Hambaa Aadaa Kiliyaatiin kan akka sirna Gadaa, sirna dhugeeffannaa (belief systems) amantii, sirna beekumsaafi, kkf kaasuun ni danda’ama.

Raawwiin kun kaartaa turizimii Itiyoophiyyaa irra koruuf nudandeessisus, faayidaa qabatamaa argachuuf hoj-manee cimaatu nu eeggata. Innis, naanniicha fayyadamaa taasisuuf dilbii turizimii kana misoomsuun dirqama. Milkaa’ina isaatiif, hunda dura hooggansa sadarkaan jiru, qooda fudhattoota, qaroowwanii (elites)fi hawaasa naannichaa waliin mari’achuun gahee tokkoon tokkoon keenyaa addaa foo’ufi fudhachuu gaafata.

Barreeffama kana yaada ifaatti kaa’amuu qabu eeruudhaanan goolaba. Kaartaa turizimii Itiyoophiyaa koruun imala malee galma ga’ichaa miti. Fayyadamummaa mirkaneessuuf, hojiin misooma turizimii ulfaataan isa fuuldura keenya jiru ta’uu hubannee haa hiriirru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment