Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) –Galmoota guguddoo Karoora imala Badhaadhinaa mootummaan qabatee hojjechaa jiru saffisiisuuf qindoominni seektaraalee murteessaa ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan ibsan.
Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, turtii Godina Booranaa fi Gujii Lixaatti taasisaniin dhimmoota sadarkaa naannootti xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti qooda fudhattoota waliin mari’atan.
Marii isaaniin, galmoota guguddoo Karoora Imala Badhaadhinaa fi Karoora xiiqii mootummaan qabatee hojjechaa jiru saffisiisuuf qindoominni seektaraalee murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsa pirojektotaan walqabatee, hojiin qabatamaan lafarra jiru jijjiirama agarsiisaa kan dhufe ta’us, dhimmoonni xiyyeeffannoo barbaadan jiraachuu kaasaniiru.
Hojiiwwan misoomaa naannicha keessatti karoorfamanii hojjetamaa jiran ariitii, qulqullinaa fi baay’inaan xumuramanii fayyadamummaa Ummataa mirkaneessuu akka qaban kan ibsaniiru.
pirojektoonni misoomaa rakkoo hawaas-diinagdee furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan pirojektoota karoorfaman qorannoo sirrii fi qabatamaan deeggaruun, hordoffii barbaachisu taasisuun akkaataa waliigaltee fi yeroo qabameef keessatti xumuuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaniif manneen hojii qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
.Bakka hanqinni raawwii mul’atetti ammoo, sirna itti gaafatamummaa bulchiinsa kontiraataa mirkaneessuun barbaachisa ta’uu ibsuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.