Galmoota Badhaadhina waloo milkeessuun hojiilee hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisaan argaman – Pireezidaanti Shimallis

Galmoota Badhaadhina waloo milkeessuun hojiilee hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisaan argaman – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti inisheetiivii misooma qamadii jallisii bonee daawwataniiru.

Mootummaan paartii Badhaadhinaan hogganamu waggoota jijjiramaa as hojiilee jiruu fi jireenya ummataa diinagdeen cimsan hojjechuu Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan daawwannicharratti ergaa dabarsaniin himaniiru.

Galmoota badhaadhina waloo milkeessuun hojii hojjetamaa jiruun bu’aawwan abdachiisaan argamuu kaasaniiru.

Godina Arsii Lixaatti xiyyeeffannoo hojii qonnaaf kennameen hojjetamaa jiruun qonna arfaasaa, gannaa fi bonaatiin lafti hektaarri kuma 500 fi kumni 50 ol qotamu ibsuun, kana keessaa jallisii boneetiin lafa hektaara kuma 147 irratti qamadiin facaafamee misoomaa jiraachuu Bulchaa ittaanaan godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaan himuu ragaan Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaarraa argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment