Galmoonni afran seektara qonnaa haala gaariirra jiru-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)-Oromiyaatti galmoonni guguddoo afran seektara qonnaatiin milkeessuuf qabaman hundi haala gaariirra jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaniin dhimmicharratti ibsa baasaniiru.

Guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota gurguddoo afran seektara qonnaatiin milkeessuuf qabate hundi haala gaariirra jiru.

Keessumaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu isaan jedhan kallattiidhaan kan walqabataniifi adeemsa jajjabeessaa irratti kan argamaniidha.

Hundaa’ol, Tarkaanfiilee Addaa (New Initiatives) galma gahiinsa karoora kanneeniif hojiirra oolchaa jiruun, bu’aa battalaa caala, muuxannoo akka naannoofi biyyaatti argamaa jiruun faayidaa yeroo dhufuu mirkaneessaa jira.

Tarkaanfilee Haaraa kanneen keessaa inni tokko ammoo misooma ruuziiti.

Misoomni oomisha ruuzii, biyya keenyaaf taatee yeroo dhihoo ykn barkumeeti. Asirratti waan tokko kaasee darbuun barbaada.

Misoomni oomisha ruuzii akka biyya keenyatti dhimmi kaleessa jalqabame ta’ullee, akka Naannoo Oromiyaatii ammoo dhimma har’aati.

Biyya keenyatti misooma oomisha ruuzii jalqabuudhaan Naannoo Amaaraa kan duursu hin jiru.

Nutis yeroo waggoota sadi hin caalle keessatti sadarkaa olaanaa kanarra gahuuf, muuxannoon naannichaarraa arganne hedduu kan nugargaare ta’uu ibsuun barbaada.

Uwwisni misooma ruuzii bara oomishaa 2013/14 naannoo keenya keessa ture lafa heektaara kuma 20 qofa.

Misoomni oomisha ruuzii Qorannoo yabbuufi tarsiimoo ifatti kaa’ame booda, bara oomishaa 2014/15 ture toora xiyyeeffannoo ta’ee raawwiitti kan gale.

Yeroo kanatti Godinaalee Lixa Oromiyaa torba keessatti lafa heektaara kuma 100 irratti ruuzii misoomsuun callaa kunt. mil. 4.3 argachuun danda’amee ture.

Qophii bal’dhaa bara ittaanuuf taasifamaa tureen, waggaa tokko booda bara 2015/16 inisheetivii ruuzii –‘Labsii Baddallee’ jedhuun labsamee hojiitti galame. Yeroo kanatti uwwisa misooma ruuzii dachaa hedduudhaan ol guddisuun, lafa heektaara mil. tokko irratti misoomsuuf karoorfamee lafa heektaara mil. tokkoo ol irratti misoomsuun danda’ameera.

Yeroo kanatti misoomni oomisha ruuzii godinaalee jijjiidhoo Lixa Oromiyaa irra darbee godinaalee gammoojjiifi oomisha midhaan nyaataa irraa fagaatanii turanittis babal’dhateera.

Fkn, godinaalee Harargee lamaan yoo fudhanne, gama tokkoon, yeroo dheeraadhaaf oomisha midhaan nyaataa irraa fagaachaa kan dhufaaniifi lafti banaa qaban lafa gammoojjii misooma oomisha kamiifuu hin oolle ta’us, bara oomishaa kana, ooyiruu oomisha ruuzii babal’dhaa qabnu keessaa muraasni godinaalee kanneen keessatti argamu.

Suuraalee misooma ruuzii godina Harargee Bahaa Aanaalee Gursumiifi Baabbilee irraa argaman kunneen agarsiistuu gaariidha.

Akkuma armaan olitti kaasuuf yaalle, godinaaleen kunneen gosa midhaan haaraa mitii isaan naannaawichatti beekkamoo turan irraayyuu fagaachaa kan dhufan ta’us, ruuzii babal’dhisuurraa nu hin gufachiisne.

Milkaa’inni kun bu’aa qoddattoonni (factors) hedduu ta’us, afran isaanii asitti caqasuun barbaachisaadha.

Isaaniis: tokkooffaa dhaabbilee qorannoo qonnaa akka biyyaafi naannootti jiran waliin ta’uun gosa ruuzii “agro’ecology” kanatti madaqoo (bishaan qusatuufi lafa gammoojjii margu) ta’an dhiyeessuu danda’uudha.

Inni lammaffaa lafa kana dura oomisha naannaawichatti barame dabalatee, oomisha kamiifuu hin oolle misoomatti gal’chuu danda’uudha.

Inni sadaffaa humna maatii lafa ‘oomishaawaa’ hin taanerra jiruufi guutumatti hojiitti hin galle gara oomishaatti galchuu danda’uudha.

Afraffaan, gosti midhaan ruuzii, qamadii dabalatee, gosa midhaan dheedhii kamuu caalaa, callaa guddaa waan kennuuf, hawaasichi salphaatti fudhachuu danda’uu isaati.

Milkaa’inni hanga ammaa garuu jalqabbii biicuudha. Guddinni fedhii midhaan nyaataa biyya keenyaa bara baraan mul’dhataa jiru kan nama rifaasisu.

Ruzii qofa yoo ilaalle, biyyi keenya Itiyoophiyaan bara 2009 kuntaala mil. 3.3 kan alaa galchite yoo ta’u, bara 2012/13 kuntaala mil. 7 alaa galchiteerti. Waggoota shanan kanatti fedhiin biyya keenyaa waggaatti giddu galeessaan %21.34 guddachaa tureera.

Bara 2014 ruuzii kuntaala mil. 11’tti dhiyaatu alaa galeera. Kun ammoo waggaatti %30 ol dabale jechuudha.

Gama biraatiin wanti beekamuu qabus ni jira. Idil-addunyaatti ruuziin bal’dhina oomishamuu, sooratamuufi daldalamuutiin gosa bu’aa qonnaa sadarkaa tokkoffaarra jiruudha.

Industiriin kun sadarkaa idil-addunyaatti gatii USD bil. 450 qabuufi hanga bara 2030, giddugaleessaan %3.5 guddata jedhamee raagameedha. Kanaaf, itti fayyadamuu yoo dandeenye ammoo carraa guddaa kan nuuf banu jechuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, yaaddoofi carraa gama kanaan jiran giddugaleessa taasisuun socho’aa jira. Bifuma kanaan bara kana lafa heektaara mil. 1 ol oomisha ruuziitiin kan uwwisne yoo ta’u, callaa kuntaala mil. 44.2 akka argannu tilmaamameera.

Karoora kana milkeessuun salphaa akka hin taane qaama kamuu caala kan hubannuudha.

Adeemsa guddina oomisha keenyaafi iddoo olaanoo inni idil-addunyaa biratti qabu irraa yoo kaane, misoomni kun humnoota oomishaa bal’dhaa (lafa, bishaan, humna namaa …) misoomatti galchuufi hariiroo oomishaa bal’dhaa uumuudhaan walitti hidhamiinsi rog-daneessi akka babal’dhatu kan jajjabeesuudha.

Akka fakkeenya tokkootti yoo fudhanne, adeemsa amma jiruun, oomisha qofa osoo hin taane warshaa ruuzii qulqulleessu (polisher) babal’dhisuun dirqama waan ta’uuf, industirii maanufaak’chariingii qonaa baadiyaatti babal’dhisuuf karoorfanne kan nuuf saffisiisu ta’a.

Al-ergiif yemmuu oolchinus sharafa maddisiisuun dura, sonaafi hariiroo oomishaa dabalataa waan uumuuf faayidaa argamuu danda’u kan guddisu ta’a.

Milkaa’inni kun inisheetivii “Maaddii Guutuu” qabanne waliinis kallattiidhaan hidhata kan qabuudha.

Guddina oomisha isaa cinaatti, ogummaa nyaanni ruuzii itti dhiyaatu babal’dhisaa waan deemuuf, karoora dhaloota “kaaloorii” guyyaatti barbaachisu guutee argatu uumuuf qabame milkeessuu keessatti shoora guddaa kan taphatu ta’a.

Walumaa galatti, misoomni oomisha ruuzii haaraafi kan barkumee ta’uus, inisheetiviin ruuzii naannoo keenyaa waggaa tokkolee kan hin guunne ta’us, milkaa’inni argamaa jiru, bu’aa muuxannoo waggoota dheeraa fakkaata.

Jajjabina adeemsi hanga ammaa nutti horeefi kutannoo qabnuun, bara oomishaa 2017/18’titti, fedhii ruuzii biyya keessaa guutuun, ruuzii alaa galu kan hambisnu ta’uu isiniifan mirkaneessa.

Dabalataaniis, yeroo gabaabaa keessatti oomisha ruuzii gabaa biyya alaatiif kan oolchinu ta’uu irra deebidhaan isiniif mirkaneessuun barbaada.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment