Galmichi galma qofa osoo hin taane mallattoo sagalee Afrikaati – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad Gamoo Dhaabbanni Tokkummaa Afrikaa Itti hunda’e haaromsi taasiifameef eebbisiisaniiru.

Gamoon kun bakka mul’anni Ardii Afrikaa itti wixineeffame ta’uu Dooktar Abiy saganticharratti ibsaniiru.

Galmichi galma qofa osoo hin taane mallattoo sagalee Afrikaati jedhan.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii riifoormii ta’uu akka qabu Itiyoophiyaan ni amanti jechuun ibsaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad, Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haaromsa galmichaaf taasiise galateeffataniiru.

Riifoormiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii iftoomaa,Diimokiraatawaa fi bakka bu’iinsa hundaa ta’uu akka qabu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez eeraniiru.

Misikkir Sinaaffiqiti gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment