Galmi Abbaa Muudaa Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Galmi Abbaa Muudaa Tuulamaa bakka Hoggantoonni, Abbootiin Gadaa, keessummoonnii fi Jirattoonni argamanitti bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Ganda Haadhootti eebbifameers.

Sirna Gadaa keessatti Abbaan Muudaa ga’ee olaanaa qabaachuu Abbaa Muudaa Tuulamaa Abbabaa Hayiluun himaniiru.

Abbaan Gadaa gara Aangootti wayita dhufu Abbaa Muudaatiin gaggeeffama.

Ga’een Abbaa Gadaa Abbaa Muudaatiin himama jedhan.

Galmi Abbaa Muudaa kunis, akkaataa Sirna Gadaa keessatti hiika qabuun kan ijaarramuu himaniiru.
Dhaloonni ammaa sirna kana kunuunsee dhaloota dhufuuf dhaalchisuu akka qabu Abbaan Muudaa Tuulamaa dhaamaniiru.

Akka OBN gabaaseetti Abbootiin Gadaa eebba galmaatiin booda seera ittiin bulmaataa Galma Hammataa Addunyaa Dirree Bakkootti Seera namaa,Beelladaa, Bineensaa,Malkaa, Tuulluu,Lagaa fi Uumama tumaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment