Galmi 2023 Saa’udii walta’iinsa diinagdee biyyattiin Afrikaa waliin qabdu guddisuuf gahee olaanaa qaba-MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Galmi 2023 Saa’udii, walta’iinsa diinagdee biyyattiin Afrikaa waliin qabdu sadarkaa olaanaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Saa’udii-Afrikaa Riyaaditti gaggeeffamerratti haasawaa taasisaniin, Saa’ud Arabiyaan Afrikaa waliin hariiroo seenaa qabeessaa akka qabduu fi guddina ardittiifis gumaachuu kaasaniiru.

Saa’udiin Itiyoophiyaa waliin hariiroo yeroo dheeraa lakkoofsise akka qabdu dubbatanii, Afrikaattis hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf kutannoo qabdu dinqisiifataniiru.

Keessumaa Ardittiitti hojiilee invastimantii damee humna haareffamaan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaan, qonnaan, fayyaa fi barnootaarratti bobba’uun tattaaffii guddina Afrikaaf taasiftu leellisaniiru.

Itiyoophiyaan biyyootaa Afrikaa fi Saa’udii waliin hariiroo gama maraa qabdu cimsitee itti fufuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
Galmi 2023 Saa’udi Arabiyaa walta’iinsa diinagdee fi daldalaa biyyattiin Afrikaa waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Galmichi utubaawwan misoomaa shan irratti jijjiirama waaraa fiduuf gumaacha olaanaa akka qabu himuu Gaazexaan Saa’udii gabaaseera.

Qonni diinagdee Itiyoophiyaaf bu’uura ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, Abbootiin qabeenyaa Saa’udii damichaan hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an afeeraniiru.

Itiyoophiyaan Saa’ud Arabiyaa waliin hariiroo fayyadamummaa waloo bu’uureffate cimsitee itti fufsiisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment