Galmeewwan qorannoo yakkaa kuma 188 ol ta’anirratti murtoon laatame – Ministeera Haqaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Bara baajataa xumurame galmeewwan qorannoo yakkaa kuma 188 ol ta’anirratti murtoon laatamuu Ministeera Haqaa beeksise.

Waltajjiin waloo Ministeera Haqaa, Biiroole haqaa naannolee fi dhaabbilee Abbaa Alangaa Waliigalaa qopheessummaa Ministeera Haqaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Jijjiirama qabatamaa fi bu’uuraa fiduuf karoorri fooyya’iinsa damee Haqaan qophaa’uu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiyoos ibsaniiru.

Bara baajataa xumurame galmeewwan qorannoo yakkaa kumni 198 fi 439 dhiyaachuu Ministeera Haqaatti Daaytektari Dhimmoota Tarsiimoo Obbo Dassaalenyi Mangisteen dubbataniiru.

Galmeewwan kanneeen keessaa kuma 188 fi 875f murtoon laatamuu eeraniiru.

Sadarkaa biyyaatti galmeewwan yakkaa falmiin irratti taasiifamaa ture kuma 172 fi 940 keessaa galmeewwan yakkaa kuma 68 fi 42 irraatti Manni Murtii murtoo laachuu kaasaniiru.

Galmeewwan kuma 64 fi 624 irratti murtoon baleessummaa darbuu fi galmeewwan kuma 3 fi 814 bilisaan akka gaggeeffaman taasiifamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment