Galmeen lammiilee Ityoophiyaa eeyyama malee Emmireetota Arabaa Gamtooman jiraatanii Imbaasii Ityoophiyaa Abudaabiitti eegale

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Galmeen lammiilee Ityoophiyaa eeyyama malee Emmireetota Arabaa Gamtooman jiraatanii Imbaasii Ityoophiyaa Abudaabiitti eegale.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyyoota baha jiddugaleessaa jiraatan waliin mari’achuuf Emmireetota Arabaa Gamtooman daawwachuun isaanii ni yaadatama.
 
Mirga lammiilee biyyootii kanneen jiraatan kabachiisuuf gaaffiin dhiyaate fudhatama argachuun ni yaadatama.
 
Ityoophiyaanonni eeyyama jireenyaa hin qabaatin dhimmichi akka sirratuuf gaafataniit turan.
 
Waliigalticha hojiirra oolchuufis har’a galmeen Abudaabiitti Imbaasii FDRI fi Qoonsilaa Generaala Duubaayitti eegalameera.
 
Amma ammaattis dhibbaan kan lakkaa’aman galmaa’aniiru.
 
Galmichi amma Bitootessa 13,2012 yookin amma baatii Faranjootaa Maarch 22,2020 kan turu ta’a.
Comments (0)
Add Comment