Galmeen jechoota Seeraa Afaan Oromoo eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Instiitiyuutiin Leenjii fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa kitaaba galmee jechoota seeraa qopheessee ebbisise.

Galmechi jechoota Seeraa Afaan Ingilizii irraa gara Afaan Oromootti kan hiiku yoo ta’u, hanqina hiikoo jechootaa kenniinsa tajaajila haqaa keessatti mul’atu furuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.

Daayrektarri olaanaa instiitiyuutichaa Obbo Doobee Dhaabaa, instiitiyuutichi hojiwwan qu’aannoo gaggeessu cinaatti, kitaabaalee jechoota Afaan Oromoo dagaagsanirratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hayyuun Siyaasaa Obbo Leencoo Lataan gama isaaniin Afaan Oromoo waaltessuun guddina afaanichaaf shoora olaanaa waan qabuuf hojiilee bal’aa hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Minalee Gabayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment