Galmeen filattootaa Godinaalee Wallaggaatti gaggeeffamaa ture xummurame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Sababa rakkoo nageenyaa booddeetti hafee kan eegalame galmeen filattootaa Godinaalee Wallaggaa Arfanitti gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xummuramuu Boordiin Filannoo beeksiise.
Wallagga Lixaa , Wallagga Bahaa, Qellam Wallaggaa,fi Horroo Guduruu Wallaggaatti galmeen Filattootaa naannoo filannoo 24 irratti gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xummurameera.
Akkasumas Naannoo Beenishaanguul Guumuuz godina Kaamaashii fi naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo aanaalee garaagaraa keessatti galmeen filattootaa gaggeeffamaa ture xummuramuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Iddoolee eerameetti lakkoofsi namoota kaardii filannoo fudhatanii hanga Caamsaa 23, 2013tti kan ibsamu ta’uu ragaan boordicharraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment