Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Galmee kaadhimamtootaa waliin walqabatee iyyannoowwan 500 dhiyaachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa adeemsa filannoorratti paartilee siyaasaa waliin marii taasiisa jira.
Galmee kaadhimamtootaa marsaa lamaan gaggeeffameen paartileen Siyaasaa 47 kaadhimamtoota galmeessiifachuu ibseera.
Kaadhimamtoonni kumni 8 fi 209 galmaa’uu isaanii ifoomseera.
Adeemsa galmichaan walqabatee Paartileen siyaasaa komiiwwan garaagaaraa dhiyeeffachuu ibsameera.
Boordichi iyyannoowwan dhiyaan harka caalaa kan hiike yoo ta’u, miseensonni hidhamuu fi Biiroon cufamuu waliin walqabatee gaaffileen ga’an humna Boordichaa ol ta’uu eerameera.
Alaazaar Taaddaleetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.