Galii oomisha biyyaa madaalu walitti qabuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Mudde 8, 2015 (FBC) – Galii oomisha biyyaa madaalu walitti qabuuf Federaala qofa osoo hin taane naannoleenis xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Galiin oomisha biyyaa madaalu walitti qabamuu dhabuu isaan baasii uwwiisuuf mootummaatti qormaata guddaa ta’uu Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Waraana biyyattiitti gaggeeffamaa ture hordofee baasiin mootummaa olaanaa ta’uu eeruun, baasii kana walmadaalchiisuuf sirni galii walitti qabuu cimuu akka qabu hubachiinsaniiru.

Galii Oomisha biyyaa madaalu walitti qabuuf mootummaa Federaalaa qofa osoo hin taane naannoleenis xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojii galii walitti qabuu ba’aa qabeessa taasiisuuf seeroota bulchiinsa galii sirnaan hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.

Fooyya’iinsa Diinagdee biyya keessaa bu’aa qabeessa taasisuuf hojiileen eegalaman abdii kan namatti horan ta’uu kaasuun, bu’aa qabeessummaa isaa cimsuuf hojiin galii walitti qabuu xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Galii fi Baasii mootummaa walmadaalsiisuuf hojiilee yeroo itti aanu hojjetamuuf karorfamanirratti mariin qooda fudhattoota hunda hirmaachise magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jiraachuu EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment