Galii Guddisuun dhimma ijoo fooyyeessa Diinagdee Goorooti – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Galii Guddisuun dhimmoota fooyyeessa Diinagdee Gooroo keessaa isa ijoo ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Galii baasiin wal madaalu walitti qabuun murteessa ta’uu himaniiru.

Ministeerri Galiiwwan kaffaltoota Gibiraa olaanoo waliin marii taasiisaa jira.

Maricharratti kan hirmaatan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen, Fooyyessi diinagdee Gooroo taasiifame bu’aa qabeessa kan ta’u dandeettiin oomishtummaa fi galii yoo guddate qofa jedhan.

Galii bifa ammaayyaa fi hojmaata eegeen walitti qabuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Galii biyya keessaa guddisuun dhimma ijoo fooyyessa dinagdee gooroo ta’uu ibsaniiru.

Sharafni alaa gabaan akka murtaa’u taasiisuun qabeenyi diinagdee fi sirni daldalaa ammaayyaan akka jiraatu kan tumsu ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.

Kana keessatti kaffaltoonni Gibiraa qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Gibira sirnaan beeksisuu fi kallafaluun guddina biyyaa fi Fooyyessa Diinagdee Gooroo taasiifame mirkeessuu keessatti hirmaannaa irraa eegamu akka bahan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment