Galii Daldala Alaarraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Dooktar Kaasahuun Goofee

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC) – Galii Daldala Alaarraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Waliti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Ministeerichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa gamaaggamaa jira.

Kurmaana darbe kana keessaa daldala alaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 1.5 ol argamuu Dooktar Kaasahuun himaniiru.

Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Doolaara miilyoona 700 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Tajaajilli Galmee fi Eeyyama Daldalaa kuma 900 olii Interneetiin kennamuu himuun, qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf gabaawwan sanbataa haaraan 88 banamuu dubbataniiru.

Waliigalaan Gabaawwaan Sanbataa kumni 1 fi 334 tajaajila kennaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment