Galgala har’aa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphoonni 9 ni taphatamu

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Galgala har’aa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphoonni marsaa 2ffaa 9 ni taphatamu.
Taphoota gaggeeffaman keessaa taphni Maanchiistar Siitii fi Boorshiyaa Doortimandi, Riyaal Maadrid fi RB Leepizhiig gidduutti tapahatamu ni eegama.
Tapha Siitii fi Doortimandi gidduutti taphatamuun Eerlingi Haalandi yeroo jalqabaaf faallaa kilaba isaa duraanii ta’uun Siitiif hiriira jechuudha.
Taphoota biroon leenjisaan haaraan Cheelsii Giraam Pooter Saalisbuurgi waliin tapha isaa jalqabaa ni gaggeessa.
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala kana taphatamu 9 keessaa AC Miilaan vs Daaynaamoo Zaagreb, Shaaktaar vs Seeltik waliin taphni taasiisan galgala sa’atii 1:45’tti eegala.
Taphoota Riyaal Maadrid vs RB Leepizhiig, Siitii vs Doortimandi, Cheelsii vs Saalisbuurgi dabalatee taphootni biroo 7 halkan sa’atii 4’tti irraa jalqabanii taphatamu.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment